Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Kibba Oromiyaatti walitti bu'iinsa sirni wayyaanee gosa Oromoo Booranaa fi Garrii gidduutti dhalcheen miidhaa guddaan dhaqqabe.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurandhala 11,2009) Oduun MOA dhaqqabe akka hubachiisutti walitti bu'iinsa dabballootni wayyaanee Kibba Oromiyaatti gosa Oromoo Booranaa fi Garrii gidduutti dhalchaniin erga torban tokkoo as lolli jabaan geggeeffamaa jira.

Lolli kun bakkoota akka Dhokisuu, Adaal, Goofa, La'ee, Borbor, Waacille, Laga Daawwaa Malkaa Gubaa fi bakkoota birootti bal'inaan geggeeffamaa akka jirutu dhaga'ame.

Lola shira wayyaaneen xaxamee Oromoo Booranaa fi Garrii gidduutti deemaa jiru kanaan namootni hedduun akka du'anii fi madaa'an maddeen kun eeruudhaan, ummatni lakkoobsaan baay'ee ta'es sababa lola kanaan qe'ee irraa akka buqqa'an ifa godha.

Caasaan waraanaa fi bulchiinsa naannoo sirna wayyaanee walitti bu'iinsa ummataa kana dararan babal'isaa fi jabeessaa jiraachuu kan ibse oduun nu ga'e, lolli kun amma illee akka itti fufetti jiraachuu addeesse. Gaaga'amni lubbuu fi qabeenyaa dhaqqabaa jirus dabalaa jiraatuutu ibsame.

Ilmaan Oromoo Boorannii fi Garriin shira mootummaa goolessituu wayyaaneef saaxilamanii duula wal irratti geggeessaa jiran irraa akka dhaabbatan, rakkoon kan jiraatu yoo ta'e akka aadaa Oromoo ganamaatti akka furatan sabboontotni Oromoo dhaamsa Oromummaa dabarsaniifii jiru.

Mootummaan wayyaanees walitti bu'iinsa dhalche kanaan gaaga'ama lubbuu fi qabeenyaa ummata irraan ga'aa jiru kanaaf kan itti gaafatamu ta'uu akeekkachiisan.

*****

Duula hidhaa wayyaanotni ilmaan Tigraayi ummata Oromoo irratti geggeessaa jiran sabboontotni Oromoo balaaleffatan.

(MaddaOduu ABO/MOA/Gurandhala 11,2009)Sabboontotni Oromoo maadhelee Furtuu Lakk.1 fi Hayaa Carcar jalatti gurmaa'an tibbana walitti dhufuun haala yeroo irratti mari'atanii ibsa ejjennoo baafataniin, duula hidhaa wayyaanotnii fi jaleewwan isaanii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiran cimsanii balaaleffatan. Saamicha bifa adda addaan sirnichi Oromoo irraan ga'aa jirus mormaniiru.

Hidhaa fi ajjechaan diinaa yoomuu qabsoo keenya irraa duuba nu hin deebisu kan jedhan sabboontotni Oromoo maadhelee kana jalatti ijaaraman haga QBOn galma ga'utti dhaaba keenya ABO jalatti gurmoofnee dirqama nutti kennamu kamuu ni baana jedhan.

Gama biraan maadheleen Burqaa Seenaa Lakk.1 fi Gaara Hadaamii Lakk.2 ABO jabeessuuf kan oolu gumaacha maallaqaa godhanii jiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net